Beeksisa carraa barnoota tolaa (Free Education)

Dhaabbata Menschen fuer Menschen yookan Namoota Namootaaf jedhamuun kan hoogganamu Kolleejjiin Harar Agroo-Teeknikaa fi Teeknooloojii, bara barnootaa 2016tti sagantaa digrii tokkoffaan barattoota saayinsii uumamaa gahumsa qabanii fi dorgomaa ta’an dameewwan barnoota  Manufacturing Technology, Automotive Technology fi Electrical and Electronics Technology’n fudhachuun bilisaan barsiisuu barbaada.

Ulaagaalee galmeef barbaachisan: –

1ffaa. Bara barnootaa 2012 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii waliigala 700 keessaa qabxiillee armaan gadii galmeessaniif;:

  • Baratoota idilee fi halkaniif
  • Dhiiraaf 370 fi isaa ol
  • 358 fi isaa ol
  • Naannolee guddachaa jiranii fi Horsiise bultootaaf  idileedhaan kan qoraman:
  • Dhiiraaf 358 fi isaa ol ta’an
  • Shamarraniif 348 fi isaa ol
  • Dhuunfaa (Irra deebiin kan qoraman) saala lamaaniif
  • 375 fi isaa ol
  • Naannoo Tigraay fi Godina Matakkaliif
    • Dhiiraaf 348 fi isaa ol
    • Shamarraniif 340 fi isaa ol

2ffaa. Bara barnootaa 2013 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa jalqabaatiin qoramanii qabxii waliigala 600 keessaa qabxiillee armaan gadii galmeessaniif;

  • Baratoota idileen qoramaata fudhatanii turaniif:
  • Dhiiraaf 348 fi isaa ol
  • Shamarraniif 336 fi isaa ol
  • Naannolee guddachaa jiranii fi Horsiise bultootaaf idileedhaan kan qoraman:
    • Dhiiraaf 336 fi isaa ol
    • Shamarraniif 324 fi isaa ol
  • Dhuunfaa (Irra deebiin kan qoramaniif) saala lamaaniif
  • 365 fi isaa ol

3ffaa. Bara barnootaa 2013tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa lammaffaatiin qoramanii qabxii waliigala 700 keessaa qabxii armaan gadii galmeessaniif;

  • Baratoota idileen qoramaata fudhatanii turaniif:
    • Dhiiraaf 408 fi isaa ol
    • Shamarraniif 394 fi isaa ol
  •  Naannolee guddachaa jiranii fi Horsiise bultootaaf idileedhaan kan qoraman
    • Dhiiraaf 395 fi isaa ol ta’e
    • Shamarraniif 381 fi isaa ol
  • Dhuunfaa (Irra deebiin kan qoramaniif) saala lamaaniif
  • 428 fi isaa ol

4ffaa. Bara barnootaa 2014 fi 2015 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii waliigala 700 keessaa qabxii 350 (%50) fi isaa ol galmeessan.

5ffaa. Barattoota saayinsii uumamaa bara 2015 keessa qormaata sirreeffamaa Yuuniversitiwaanitti kennamaa turan (Remedial tutorials) fudhatanii qabxii darbisaa argataniif.

Filannoowwan galmee:

  1. Google form:  https://forms.gle/PRigPH6Tma9HFfPK9
  2. Telegram Bot: https://t.me/MFMATTC_bot
  3. Toora marsariitii keenyaan:  http://www.mfmattc.edu.et irratti online galmaa’uu dandeessu.

Guyyaan galmee xumuraa

  • **Onkololeessa 23/2016
  • Iyyattoonni qormaata seensaa kolleejjichaan kennamu fudhatanii darbuu qabu.

Bakka fi guyyaa qormaataa

Guyyaa qormaataa: guyyaa qormaata seensaa platform armaan olitti ibsamee fi beeksisa keessootiin ni beeksifna.

 Iddoo Qormaata:

  1ffaa. Harar, Agro Technical and Technology College keessattii fi

  2ffaa. Finfinneetti buufataalee qorannoo filatamoo ta’anitti kan kennamu ta’a.

Hubachiisa:

  • Baratoonni remedial fudhatanii qabxii darbinsaa qabdan  ragaa barnoota keessan   Yunivarsitii ykn Kollejjii itti barattan irraa mirkanessuun (authenticate) godhachuun galma’uu issin irra jiraata.
  • Kolleejjichi barnoota, nyaataa fi bakka jireenyaa bilisaa kan kennu yoo ta’u, akkasumas cost sharing irraa bilisaadha.
  • Maqaa Baratoota  qormaataaf dhiyaatan bakka qormaanni itti kennamu waliin ni ifooma.

Leave a Reply

Your email address will not be published.